Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Milishaan bilxiginnaa tokko godina addaa naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti waraana federaalaa tokko rukuchuun ajjeese 

ONM-ABO Caamsaa 15, 2023

Murni bilxiginnaa uummata impaayerattii hedduu teessuma siyaasa isaa ittiin eeggachuuf leenjii waraanummaa gaggabaabaa kennuufiin meeshaa itti hidhee Saba ofii akka ajjeesaniif bobbaasus waraanichi sirnicha ganuu fi keessootti wal ajjeesuu aadeffatee jira.

Haaluma kanaan Jimaata darbe Caamsaa 12, 2023 godina addaa naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Aannee Diimaa jedhamutti halkan keessaa sa’a 3:00tti milishaan naannichaa waraana federaalaa tokko rasaasaan rukuchuun ajjeese.

Maddi wal dhibdee isaanii beekamuu baatus mana dhugaatiitti wal loluun milishichi itti dhukaasuun kan ajjeese yoo ta’u, milishaan ajjeechaa kan raawwate Misgaanaa kan jedhamu ta’uun barameera.

Sababa kanaanis naannoon sun jeeqamuun waraanni uummata irratti reebicha raawwachaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version