Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar Aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessaa loltoonni PP shan gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan 

ONM-ABO Caamsaa 16, 2023

Sirni impaayericha utubuun saboota cunqurfamoo waggootaaf cafaqee bulchaa ture qabsoo ilmaan cunqurfamtootaa barootaaf gochaa dhufaniin diigamaa kan jiru, impaayerichi, eegdonni isaa guyyaadhaa gara guyyaatti ganuun gara jireenya ofii fi gara moonaa qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa jiru.

Caamsaa 15, 2023 baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii irraa dhalattoonni ilmaan Oromoo ta’anii moonaa Waraana Bilxiginnaa keessa turan namoonni 5 moonicha ganuun gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennataniiru.

Miseensotni waraana bilxiginnaa kun qawwee dachaatuu 2, AKM Turkey 2 fi Sniper tokko akkasumas boombii harkaa 5 hidhannoo guutuu waliin moonaa diinaa keessaa ba’uun gara moonaa qabsoo Bilisummaa Oromootti galanii jiru.

Waamicha Jaarmiyaan ABO WBO taasiseef fudhachuun ilmaan Oromoo guyyaadhaa gara guyyaatti bakkoota gara garaatti moonaa bilxiginnaa keessaa ba’aa kan jiran yoo ta’u, loltoonni bilxiginnaa wal amantaa akkasumas murna bilxiginnaa irraas amantaa dhabuun guyyaan walitti dhukaasanii wal ajjeesaa fi moonaa keessaa miliqanii badaa jiraachuu dubbatu.

Gochaalee armaan dura sirnichi dirqamsiisee saba isaanii irratti raawwataniif dhiifama gaafachuun, hiriyyoonni isaanii moonaa diinaa keessatti hafanis moonaa diinaa keessaa ba’uun gara qabsoo sabaatti akka makataniif waamicha dhi’eessaniiru.

Exit mobile version