Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa irraa waraanni Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate

ONM-ABO Hagayya 12, 2024 

Waraanni faashistii PP fedhii isaanii malee dirqamanii aangoo siyaasa koloneel Abiy Ahimed tiksuuf Oromiyaa bakkoota adda addaatti bobbaafaman dhalootaan Oromoo kan ta’an akkasumas, sabaaf sab-lammoota dabalatee yeroo gara yerootti gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti dhufanii harka kennachaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa bulchiinsa magaalaa Maqii irraa waraanni Raayyaa lttisa Imphaayerattii tokko mooraa diinaa ganuun gooticha WBO’tti harka kennatee jira.

Mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Maqii keessatti argamu irraa Hagayya 11, 2024 waraanni Raayyaa Ittisa Imphaayerattii tokko qawwee AKM tokkoo fi hidhannoo guutuu waliin WBO bakkicha keessa socho’u bira dhaqqabuun isaa barameera.

Karaa Waraana Bilisummaa Oromoos simannaa ho’aan isaaf taasifameefii kan jiru yoo ta’u, innis simannaa isaaf taasifametti gammaduun ilmaan Oromoo qawwee ormaa baatan qawwee isaanii sabatti dhukaasuurra, gara WBO dhufuun qabsoo bilisummaa Oromootti akka makamanii saba isaaniif akka dhukaasan dhaamsa dabarseefii jira.

Exit mobile version