ONM-ABO Caamsaa 17, 2023
Waraanni faashistii Abiy Ahimed lolaan waraana bilisummaa Oromoo jala dhaabbachuu dadhabuun maatii qabsaa’otaa dararuu fi hidhuu akka tarsiimoo lolaatti sagantaa baafatee irratti hojjechaa jira.
Murni lolaanis ta’e ololaan waraana bilisummaa Oromoo cabsuu dadhabe maatii qabsaa’otaa hidhuu fi dararuu itti fufuun , Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo ganda Jaarsoo Koomtoo keessatti maatii qabsaa’ota hedduu qabuun hidhanii waajjira poolisii magaala Yuubdootti dararaa akka jiran maddeen himan.
Waajjira poolisii aanaa Yuubdoo keessatti namoonni hidhaman kun, Waaritee Ayyaanaa, Xurunash Dafaa, Taammiruu Jabeessaa, Gammachuu Taarikuu, Alamii Bushaa, Chuuchuu Taaffasaa, Tasfaayee Raggaasaa, Yaadasaa Fiqaaduu fi Dirribee Abdiisaa kanneen jedhaman badii tokko malee sababa ijoollee fi obbolaan isaanii miseensa waraana bilisummaa Oromoo ta’aaniif qofa qabamuun mana hidhaa keessatti halkanii fi guyyaa gidirfamaa jiru.
Aanaa Yuubdoo kana keessatti dararaa, reebichaa fi hidhaa yeroo gara yerootti maatii qabsaa’otaa irratti geggeeffamu dheessuun, maatiin qabsaa’ota kanaan dura gara magaalaa birootti godaanan rakkoo jireenyaa ulfaataa keessatti kan argaman hedduu ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

