Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Birmajjii keessatti Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii walitti dhukaasuun shan wal irraa yoo ajjeesan, baha Wallaggaa aanaa Saassiggaa magaalaa Angar Guutee keessattis miseensa Isaanii tokko ajjeesuun gatan

ONM-ABO Caamsaa 20, 2023

Waraanni kaayyoo fi akeeka deemuuf hin beekne, kan Impaayera dulloomtuu akka tiksaniif dirqamaan bobbaafaman, godinaalee Oromiyaa mara keessatti WBOn ajjeefamaa akkasumas wal shakkii gidduu isaaniitti uumamaa jiruun lubbuu  walii galaafachaa oolaa jiru.

Akka kanaanis Caamsaa 19, 2023 Godina lixa Wallaggaa aanaa Boojjii birmajjii Magaalaa Biilaa keessatti waraanni garboomfataa PP kanneen miseensa RIB ofiin jedhan keessaa miseensonni sabaan Amaara ta’aan miliqanii ba’uuf yoo yaalan, haxxee miseensotni waraana impaayerattii ilmaan Oromoo ta’aan itti hidhanii eeggataniin shan battaluma yoo ajjeefaman hedduun ammoo madaa’uu jiraattotni gocha kana ijaan arganii fi odeessi maddeen mooraa waraana keessaa miliqee dhufe ni addeessa.

Godina baha Wallaggaa aanaa Saassiggaa magaalaa Angar guutee keessattis waraanni bilxiginnaa loltuu Isaanii tokko ajjeesanii magaalaa keessatti gatuu maddeen ijaan argan himan.

Exit mobile version