ONM-ABO Caamsaa 22, 2023
Qabsoo ilmaan Oromoo sirna TPLF kuffisuuf daa’immaniitii hanga haadholii ulfaatti aarsaa itti kaffalanii fidan butuun sirni biltsiginnaa aangootti kan dhufe yoo ta’u, waggoottan aangootti dhufee eegalee dararaa jajjaboo uummata Oromoo irratti guyyaa gara guyyaatti raawwatuu fi yakkoota ciiggaasiisoo hojjetu itti fufuun, caamsaa 19, 2023 miseensota Maatii tokkoo qabuun isin waraana bilisummaa Oromoo tumsitu jechuun godina Wallagga bahaa aanaa Waamaa Agaloo keessatti hidhuun, aanaa Saassiggaa keessattis haaluma walfakkaatuun dararaan hammaachuu jiraattotni himatu .
Siyaasaa fi sirna bulchiinsaa harkatti kufeen uummata burjaajessuu fi doorsisee bulchuu Kan barbaadu Biltsiginnaa, godina baha Wallaggaa aanaa Waamaa Agaloo keessaa namoota maqaan Isaanii obbo Tashoomaa Addunyaa, Biraanuu Addunyaa, Yaadasaa Addunyaa Fayyisa Abbabaa, dargaggoo Dassaalee Tashoomaa fi Gaaromsaa Tashoomaa jedhaman hidhuun dararaa Kan jiru yoo ta’u, addatti ammoo Obbo Fayyisaa Abbabaa nama jedhaman Qarshii kuma afurtama kaffaltu malee ba’uu hin dandeessu jechuun doorsisas jraachuu himan.
Oduu biraatiin ammoo aanaa Saassiggaa ganda Haroo jedhamu keessatti haadha Oromoo tokko Kan maqaan ishee asddee Aster Garramuu jedhamtu, ijoollee ishee 4 fi sangoota ishee 4 waliin caamsaa 18, 2023 waraanni PP butuun hanga ammaa eessa akka geessan hin baramin akka jiran dubbatan.
Dheengadda Caamsaa 19, 2023 namootni maqaan nu hin ga’in Shan waraana sirnichaatiin boombiin harkaa itti darbatamee bakka tokkotti ajjeefamuu Isaanii jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

