Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimad dargaggoo tokko rasaasaan rukutuun yoo ajjeesu, dargaggoo tokko ammoo madeessan

ONM-ABO Caamsaa 22, 2023

Hundee bulchiinsa isaa jabeessee gadi dhaabuuf faashistiin Abiy Ahimad yeroo gara aangootti dhufetti “ajjeesuun mo’amuudha”, ajjeesuun dura gorsuu fi barsiisuu irratti xiyyeeffanna jedhee dubbachaa akka ture dagachuun, faallaa Isa waraana isaa naamusaa fi kaayyoo socho’uuf hin beekne uummata nagaatti bobbaasuun dhiiga qulqulluu dhangalaasuu fi lubbuu namoota nagaa obbaafachiisaa Jira.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Cobii ganda Qorichaa Kootichaa bakka adda gabaa sanbataa jedhamutti kibxata darbe Caamsaa 16,2023 dargaggoo Geetuu Abarraa jedhamu waraanni shororkeessaan Abiy Ahimed yakka tokko malee Oromummaa isaatiin yakkuun rasaasa itti dhukaasuun ajjeesan.

Oduu biraatiin aanuma Cobii ganda Qorichaa Kootichaa bakka adda gabaa sanbataa jedhamu kana keessatti dargaggoo Daawwiit Guddisaa jedhamu rasaasaan rukutanii madeessuun yeroo amma yaalama jiraachuu himan.

Aanaa Cobii kana keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed irra deddeebiin namoota nagaa ajjeesaa akka jiruu fi baruma kana keessa haleellaa xiyyaara nama maleeyyii raawwateen namoota dhibbootaan lakkaa’aman aanicha keessatti ajjeesuu fi madeessuun Isaa ni yaadatama.

Exit mobile version