Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina kibba lixa Shaggar aanaa Bachoo keessaa waraanni faashistii Abiy Ahimad qonnaan bultoota hedduu qabee hidhaa Jira

ONM-ABO Caamsaa 24, 2023

Waktii qonnaan bultootni Oromoo hojii qonnaa fi oomishaalee garaagaraa irratti bobba’uun jiruu fi jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffatanitti, waraanni faashistii Abiy Ahimed qonnaan bultoota ilaalcha siyaasaan yakkuun mana hidhaatti guuraa Jira.

Kaleessa halkan jechuunis Caamsaa 23, 2023 godina kibba lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Awaash Bunneetti, dukkana da’oo godhachuun obbo Guutaa Mul’ataa nama jedhamu dabalatee qonnaan bultoota hedduu qabuun mana hidhaatti darbatan.

Obbo Guutaa Mul’ataa hojii qonnaa irratti bobba’uun maatii isaa jiraachisuu irraa Kan hafe siyaasa Kam keessaayyuu nama quba hin qabnee fi bara wayyaanees manneen hidhaa garaagaraatti hidhamuun dararamaa akka turan maddeen himan.

Bara kanas marsaa 3ffaaf maqaa waraana bilisummaa Oromoo nyaachistaa fi tumsita jedhuun hidhamaa kan jiran ta’uun beekame.

Exit mobile version