Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii lixaa aanaa Adaabbaa irraa Waraanni sirnichaa Dargaggoo tokko qabuun mana hidhaatti dararaa jiru

Godina Arsii lixaa aanaa Adaabbaa irraa Waraanni sirnichaa Dargaggoo tokko qabuun mana hidhaatti dararaa jiru

ONM-ABO Caamsaa 29, 2023

Mariin araaraa Waraana Bilisummaa Oromoo fi murna bilxginnaa gidduutti Tanzaaniyaa odola Zaanbibariitti geggeeffamaa ture kan marsaa jalqabaa erga xumurameen booda murni bilxginnaa waraana isaa hedduuminaan kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti bobbaasuun hidhaa, ajjeechaa fi manneen jiraattotaa gubee barbadeessuu akkasumas mancaatii qabeenya hedduu raawwataa jira.

Akkuma kanaan aanoota godina Arsii lixaa keessatti hidhaa fi daraaraan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu jabaatee itti fufuun aanaa Adaabbaa keessatti  waraanni murnichaa dargaggoo maqaan isaa Amiin Abdulqaadir jedhamu kaleessa galgala Caamsaa 28, 2023 magaalattii keessatti waraanni bilxginnaa ati waraana Bilisummaa Oromooti jechuun qabanii reebicha ulfaataa erga irratti geggeessaniin booda mana hidhaatti darbachuun halkanii fi guyyaa gidirsaa jiru.

Waraanni sirnichaa ona Adaabbaa magaalaa Adaabbaa kana keessatti namoota galgala sa’a 12:00 booda daandii irratti argan reebuu fi mana hidhaatti guuruun magaalattii shororkeessaa jiraachuu maddeen magaalattii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version