Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Shaggar aanaa Booraa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti jabaatee jiraachuun himame

ONM-ABO Caamsaa 29, 2023

Gaaffii uummata Oromoo bu’uura irraa deebisuu dadhabuun murni bilxginnaa, haalli nageenyaa fi jeequmsi Oromiyaa keessatti daran babal’achaa deemuu fi ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii keessatti ajjeeffamuu, hidhamuu fi gocha hammeenyaa waraana murnichaan raawwatamu dheessuun bakka birootti godaanaa jiru.

Haaluma kanaan  ilmaan Oromoo bakka Hojii idilee isaaniitii qabuun hidhuu kan amaleeffate godina baha Shaggar aanaa Booraa ganda Tubbee Suutii irraa Dargaggoota hojii guyyaa hojjechuun of jiraachisan badii malee qabuun mana hidhaatti darbatanii jiru.

Dargaggoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa kan maqaa arganne, Biqilaa Damee, Diittaa Daadhii, Sugoo Ifaa, Roobaa Aabbee, Ashee Boruu jedhaman hidhamanii hiraarfamaa jiraachuun beekameera.

Akka jiraattotni jedhanitti aanoota baha Shaggar hedduu keessatti hidhaa fi dararriin Waraana sirnichaan walitti fufiinsaan geggeeffamaa jiru hammataa ta’uus jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version