ONM-ABO Bitootessa 19, 2024
Gareen maafi’aa PP dheebuu aangoo isaa guuttachuuf saboota gidduutti walitti bu’iinsa dhalchuu fi qabeenya uummata Oromoo alagaa dhaalchisuun fudhatamummaa horatee gadaa aangoo isaa dheereffachuuf hojii dabaa uummata Oromoo irratti raawwatu jabeessee jira.
Haala kanaanis torbee darbe murni faashistii PP waraanaa fi caasaa isaa godina baha Shaggar aanaa Dugdaa fi Booraa keessatti bobbaasuun lafa qonnaan bultoota Oromoo hektaara 2000 ol ta’u irraa buqqisuun finxaaleyyii Amaaraaf kennee jira.
Lafti kun aanaa Dugdaa keessaa ganda Tuuchii Sumaayyaanii qabee hanga aanaa Booraa magaalaa Botee jala ga’utti kan jiru yoo ta’u, lafa bal’aa fi bakka oomishaa daandiin cirracha gurraachaa keessa qaxxamuru kana kenneefii tiraaktaroota dirqamaan abbootii qabeenyaa bakka biroo irraa fichisiisuun qochisiisaafii jira.
Lafa Oromoo finxaaleyyii Amaaraa irra qubsiisan kana, guutummaatti uummata Amaaraa qofa gochuun isaanii ammoo, qabiyyee lafaa isaan kan keenyaa fi aanaan addaa nuuf haa ijaaramu jedhaniif karaa mijeessaafii jiraachuu namootni yaaddoo qaban dubbachaa jiru.
Waraanni fi caasaan bilxiginnaa finxaaleyyii Amaaraa qubachiisuuf tattaafatu kun, uummata Oromoo aanota lamaanii ammoo ajjeesee reeffa bakkeetti gataa fi konkolaataan fe’anii fiduun magaalaa walakkaatti akka kosiitti buusuun ilmaan Oromoo bineensaa gaditti ilaaluun gochoota farra dhala namaa irratti raawwachaa akka jiran odeessi aanaa Booraa fi Dugdaa irraa nu qaqqabe ni addeessa.

