ONM-ABO Caamsaa 11, 2025
Miseensotni waraanaa Abiy Ahimed fedhaniis ta’u dirqamaan waraanummaa leenji’uun impaayera Itiyoophiyaa tiksaa jiran; gocha badii sirna Bilxiginnaa jibbuun goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan meeshaa fi hidhannoo isaanii qabachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa, meeshaa lafa kaa’aa fi gurguratanii baduu itti fufanii jiru.
Baha Shaggar aanaa Dugdaa mooraa waraana Bilxiginnaa ganda Dararaa Daalachaa keessatti argamu irraa Caamsaa 4 fi 8, 2025 miseensotni waraana faashistii PP maqaa farra riphee lolaa jedhuun of waaman 8 mooricha keessaa miliquun karaa nagaa WBO’tti harka kennatanii jiraachuun ibsameera.
Haaluma wal fakkaatuun, godinuma kana aanaa Booraa ganda Jirimee Booraa jedhamu irraas Caamsaa 7, 2025 loltoonni farra riphee lolaa 3 mooraa PP keessaa miliquun WBO bira nagaan ga’anii jiraachuun dabalataan eeramee jira.
Loltoonni Koloneel Abiy Ahimed WBO’tti harka kennatan kunneen armaan dura dirqamaan qabamanii guyyoota muraasa leenj’uun kan bobbaafaman ta’uu himuun, lola gatii hin qabneef lubbuu isaanii dhabaa fi hawaasa isaanii miidhuun akka hin barbaachisne beekuun qawwee fi hidhannoon gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bira ga’uu dabaluun ibsaniiru.

