Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni waraana Bilxiginnaa 2 Godina Baha Shaggar Aanaa Booraa keessaa gooticha WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Sadaasa 28, 2024 

Sabboontonni ilmaan Oromoo fedhaanis ta’u, dirqiin waraana ta’uun impaayera Itiyoophiyaa tiksaa jiran cunqursaa olaantummaa ilmaan nafxanyaatiin mooraa waraana Bilxiginnaa keessatti isaan irra gahaa oolu balfuun goleewwan Oromiyaa cufaa guyyaa guyyaan Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Biitee Dhaabaa mooraa waraana Bilxiginnaa mana barumsaa Kamsaa jedhamu keessaa Sadaasa 24, 2024 miseensonni Raayyaa Ittisa impaayerattii 2 qawwee AKM Turkii tokko qabachuun mooraa Bilxiginnaa onsanii qabsoo bilisummaa Oromoof gumaacha taasisanii jiru.

Miseensoonni waraana PP duraanii kunneen sabaan Oromoo kan ta’anii fi ilmaan Oromoo haalli mijachuufii didee mooraa Bilxiginnaatti hafanii dararamaa jiranis lola isaan hin ilaallanne irratti hirmaachuu dhiisanii akka isaan dafanii yeroon meeshaa baatan qabatanii qabsoo saba isaaniitti makamaniif carraa argatan kanaan dhaamaniifii jiru.

Exit mobile version