Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni waraana murna Bilxiginnaa 2 Godina Kaaba Shaggar Aanaa Dagam irraa gooticha WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Muddee 12, 2024

Tiksitoonni sirna moofaa loltoonni Koloneel Abiy Ahimed uummata Oromoo akka dararaniif kanneen bobbaafaman keessaa sabboontonni ilmaan Oromoo quuqamaa fi aantummaa saba isaanii qabanii fi qabsoon Bilisummaa Oromoo kan keenya jechuun amanan goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan obboloota isaanii kan ta’an “Waraana Bilisummaa Oromootti” harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, miseensonni Raayyaa Ittisa impaayeratti 2 godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam irraa gooticha WBO’tti harka kennachuun beekamee jira.

Aanaa Dagam mooraa waraana Bilxiginnaa ganda Haroo Yaayyaatti argamu keessaa torban darbe keessa miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayeratti 2 kan sabaan Oromoo ta’an qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin  qabachuun qe’ee Bilxiginnaa ganuun gooticha WBO Zoonii Giddu Galeessaa Birgeedii Tufaa Munaa bira nagaan gahanii jiraachuun ibsameera.

Miseensonni waraana Bilxiginnaa duraanii kunneen, simannaa WBO’n isaaniif taasisetti gammaduun hiriyoota isaanii mooraa diinaatti hafaniin illee dafaa akka keenya meeshaa baattan qabadhaatii gara qabsoo saba keessaniitti makamaa jechuun dhaamaniifii jiru.

Exit mobile version