Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Shaggar magaalaa Adaamaa keessatti waraanni bilxginnaa Dargaggoota hedduu qabee hidhaa jiraachuun barame

ONM-ABO Caamsaa 30, 2023

Ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti ilaalcha siyaasaa fi waan isaan hin qabneen yakkamuun ajjeefamuu fi hidhamuun dachee abbaa isaanii irratti kabaja ilma namaaf malu dhabanii jiru.

Aanota godina baha Shaggar keessatti waraanni faashistii bilxginnaa ilmaan Oromoo hidhuu fi dararuu itti fufuun, kaleessa Caamsaa 29, 2023 magaalaa Adaamaatti Dargaggoota Oromoo hedduu qabuun mana hidhaatti darbatan.

Dargaggoota badii malee Oromummaa isaaniin yakkamuun hidhamanii jiran keessaa, Caalaa Asaffaa, Mohammad Kadir fi Kadiroo kan jedhaman maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun hidhuun dararaa agarsiisaa jiru.

Magaalaa Adaamaa malee aanota baha Shaggar hedduu keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuu fi nyaachistu jedhuun waraanni bilxginnaa ilmaan Oromoo hedduu hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version