ONM-ABO Waxabajjii 2, 2023
Murni maqaa araaraan uummata Oromoo fi addunyaa gargaarsa irraa argatu goyomsuuf hojjechaa ture fuula isaa gara lolaa fi maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhutti deebisuun nagaa uummataa goolaa jira.
Aanaa Darraa gandootaa fi bulchiinsa magaalotaa jiran keessatti waraanni bilxiginnaa fi finxaaleyyiin Amaaraa waliin ta’uun qonnaa bultoota qonnaa irraa ari’aa qabeenya saamaa fi horii isaa jalaa qalachuun godaansisaa jiru.
Rakkoo kana bulchiinsa aanichaa fi bulchiinsaa fi nageenya aanichaatti himatanis deebii akka hin arganne kan ibsan jiraattotni, lubbuu fi qabeenya keenya qe’ee keenya irratti badaa jiruuf fala dhabnee jirras jedhan.
Qaamonni hidhatee aanicha keessa sosso’u Faannoo, hattoota murni maafi’aa PP qindeessee maqaa WBO ittiin xureessuuf bobbaasee fi waraana koloneel Abiy Ahimed yeroo ta’u, kun cufti uummata nagaa dheebote goolaa fi mancaasaa jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

