ONM-ABO Fulbaana 29, 2024
Gareen aangoo impaayera Itiyoophiyaa of harkaa qabna jedhan waggoottan ja’aa asitti sirna bilxiginnaa jedhamu bocanii as baasuun Oromoo lafaa irraa ittiin balleessaa fi jireenya itti hadheessaa jiru.
Bulchiinsa bilxiginnaan waggoottan ja’an kanatti Oromoon salphina guddaa argaa jiraachuun kan wal nama gaafachiisuu miti.
Haaluma kanaan Kaabni Shaggar aanaalee akka; Dagam, Darraa, Warra Jaarsoo, hidhabuu Abootee fi Kuyyuu dabalatee yeroo garaagaraatti murna bilxiginnaa fi Faannoon daraaraa cimaan irra qaqqabuun ni beekama.
Tibbaanuma kana aanaa Dagam bakka addaa Maasii jedhamutti murni maafiyaa PP Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu maqaa jedhuun uummata kaan hiidhaa, kaan immoo qe’ee isaa irraa buqqaasaa turuu odeessi argaanne ni ifoomsa.
Akka odeessi nu gahe akeekutti ummaanni aanaa Dagam iddoo Maasii jedhamu irraa dhiibbaa waraana maafiyaa PP’n qe’ee isaa irraa buqqa’ee bakka Bonayyaa Afaramii jedhamutti baqachuu odeessichi ni mul’isa.
Namoota buqqisan kana jalaa qabeenya saamaa akka turanii fi qe’ee isaanii barbadeessaa akka jiran ifoomeera.

