Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti waraanni goolessaan Biltsiginnaa manneen uummataa gubuu fi namoota nagaa ajjeesuu itti fufanii Jiru

ONM-ABO Waxabajji 9, 2023

Uummanni Oromoo impaayera itoophiyaa jalatti Kan yeroo kamii caalaa nagaan ba’ee galuu dadhabuun qe’ee isaa keessatti ajjeefamuu fi qabeenyi isaa saamamuu manni  isaa irraatti gubatee jiraattotni hedduun da’oo jireenyaa dhabuun qabeenyi isaas manca’aa Jira.

Haaluma kanaan godina Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Lattuu Wal argii keessatti waxabajjii 7, 2023 waraanni goolessaan Biltsiginnaa manneen uummata nagaa hedduu gubuun, qabeenya mana keessaa waliin gubanii barbadeessan.

Namoonni manni jalaa gubate keessaa Bojaa Baqqalaa,Tolii Qaanquree, Caalaa Dhaabaa,

WaaqumaaDhaaba,Shaamballii Dhaabaa, Dhaabaa Bizuu, Xaafaa Qananii, Teebbii Baqqalaa fi Kaffaalee Xaafaa nama jedhamu ammoo mana isaa erga gubanii booda isas ajjeesanii deemuu maddeen himan.

Waraanni goolessaan Biltsiiginnaa Manneen jiraattotaa gubuu itti fufuun Onuma Warra Jaarsoo ganda Janjam Meelaa keessatti namoota maqaa Isaanii Ashabbiree Baqqalaa, Girmaa Muluu, Dinqituu Baanee, Ittisaa Garmaamee  kanneen jedhaman jala mana jireenyaa Isaanii gubuun, qabeenya isaaniis mancaasuu maddeen gabaasan.

Exit mobile version