Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaatti Waaqeffattootni Galma Amantii Waaqeffannaa irraa dhorkamuun dhagaa’ame

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2023

Akka seeraa fi Heera impaayerattiitti dhimmi Amantii Siyaasa keessa hin galu, amantii fi siyaasni wal kessa hin seenu jedhu dagachuun murni Bilxiginnaa waraana isaa galma Waaqeffannaa fi manneen amantaa garaagaraatti bobbaasuun jeequmsa guddaa uumaa jira.

Haaluma Kanaan godina Jimmaa  magaalaa Jimmaatti waaqeffattootni galma amantii Waaqeffannaa seenanii akka hin waaqeffanne dhorkuun galma waaqeffannaas mancaasuu jiraattotni himan.

Waxabajjii 04, 2023 waraanni faashistii pp galma Waaqeffannaa keessaa  waaqeffattoota gadi yaasuun dorsiisuu fi taappeellaa Galmichaa akeektuu, alaa fi kan keessaas buqqisuun akkasumas tarsaasanii gubaniiru.

Dhimma kana irratti geggeessitootni Galma Waaqeffannaa qaama dhimmi isaa ilaallatu Waajjira poolisii magaalichaa dhaquun yeroo gaafatanitti keessummeessuu diduun dorsiisuu fi sodaachisuun waaqeffattootni kunis mirga waaqeffachuu heeraan lammiileef kenname mulqamuun dhorkamanii jiru.

Uummanni Oromoo impaayerattii jelatti mirga waaqeffachuu dhabuu irra darbee, mirga lubbuun jiraachuu fi nagaan ba’ee galuu dhabuun bara aangoo bilxiginnaatti garbummaa yeroo kamuu keessa hin senne keessa seenee Jira .

Exit mobile version