ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024 Gareen ajjeesaa abbaa irree bara dhufaa darbaa impaayera itoophiyaa amantaa ofii qofa leellisuun amantiiwwan biroo hacuucee garbummaa siyaasaatti dabaluun kan amantaa sabaa fi sablammoota impaayerattii irratti fe’uun dhiibbaa hangana hin jedhamne geessisaa turuun kan yaadatamu hoggaa ta’u, yeroo ammaa kanas murni bilxiginnaa ergamtoota isaa bobbaasuun amantaan qoodee uummata Oromoo walitti buusuuf sagantaa bocataniin amantaa Waaqeffannaa fi amantiilee biroo wal dura dhaabuuf hojjechaa jiraachuun ibsameera.
Haaluma kanaan godina Baha Harargee ona Baabbileetti waraanni maafiyaa PP Waxabajjii 24, 2024 magaalaa Baabbilee Galma amantaa Waaqeffannaa Baabbilee irraa sababa tokko malee sababa amantaa isaanii qofaaf ukkaamsuun namoota 79 gaafa jalqabaa kan qaban yoo ta’u, namoota gaafachuu dhaqanis sadii itti dabalanii hidhanii jiraachuu dhaabbatni Amantii Waaqeeffannaa beeksise.
Kormi tokkos sagantaa sanaaf kan qophaa’e waraanni bilxiginnaa fudhatee akka deeme barameera.
Waaqeffattoota hidhaman saddeettamii lama keessaa namoonni 25 hojii koree konyaa Baha Harargee kanneen geggeessan hoggaa ta’u, waajjira Poolisii onichaatti hidhamanii kan jiranii fi waaqeffattoonni 57 immoo mooraa waraanaa onichatti argamutti hidhamanii jiru.
Waaqeffattoonni loltoota Abiy Ahimediin qabamanii ukkaamfamuun hidhaman kunneen walgahii mana maree walakkeessa waggaa Wiirtuu Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Baha Harargee geggeessuuf walgahan, koreelee hooggansa Giddugala Bahaa, Hooggansa Wiirtuu Baha Harargee fi Konyaalee akkasumas koreelee fi miseensota Galma Baabbilee ta’uu dhaabbanni hordoftoota amantaa Waaqeffannaa ifoomsee jira.
“Namoonni galma dhaqaa jiran akka Waaqeffannaan hin geggeeffamneef waraanaan Galmatti doorsisni irra gahaa jira” kan jedhu dhaabbanni hordoftoota amantichaa, Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa jaarmayaa amantii kan beekamtii qaama seerummaa qabuu fi mirgi amantichaatis eegamee, hooggantoonni fi Waaqeffattootni to’ataman kun akka gadi lakkifamuun hojiin idilee Galmaa akka itti fufu cimsinee gaafanna” jechuun itti dabaluun ibsaniiru.

