Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee keessatti miseensonni waraana bilxiginnaa walitti dhukaasuun  loltoonni sadii ajjeeffamuu fi hedduun madaa’uun dhagaa’ame

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2023

Mooraa waraana bilxiginnaa keessatti jeequmsi fi walitti bu’iinsi babal’achuun, walii galteen dhibee guyyaa gara guyyaatti walitti dhukaasanii kan wal ajjeessaa jiran yoo ta’u, gariin ammoo doorsisaa fi dararaa mooraa waraana sirnichaa keessatti irra ga’aa jiru dheessuun, hidhannoo fi meeshaa isaanii fudhatanii gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.

Dheengadda halkan Waxabajjii 10, 2023 godina Buunnoo Beddellee mooraa waraana magaalattii keessatti miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii walitti bu’iinsa gidduu isaanitti uumameen walitti dhukaasuun loltoonni sadii ajjeeffamuu fi hedduun madaa’uu odeessi keessoo isaaniitii ba’u ni addeessa.

Loltoonni sirnichaa lubbuun darban kun sabaan Oromoo yoo ta’an, mooraa waraana bilxiginnaa Keessatti sabaan wal qooduun, garaagarummaa gidduu isaaniitti uumameen lubbuu walii obbaasaa jiru.

Sababni walitti bu’iinsa isaaniis loltuu sirnichaa sabaan Oromoo dhalootaan Harargee ta’e ,waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun shakkanii yeroo adabanitti, loltoonni sirnichaa kan biroon wal ijaaruun maaliif adabama jechuun mormanii dhukaasa eegalanii loltoonni sadii dhukaasa kanaan akka ajjeeffaman Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffatee Jira.

Exit mobile version