Mooraa waraana bilxiginnaa godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haanna keessatti waldhabdee gidduu isaanitti uumameen walitti dhukaasuun Wal madeessuun saaxilame.
ONM- ABO Onkololeessa 8, 2022 Gareen maafiyaa impaayera Itoophiyaa ilmaan hiyyeessota fi ijoollee beekumsa hin qabne akkasumas dafqaan bultoota mallaqaan sossobun leenjii waraanummaa kenneefi bobbaasa jira.
Onkoloolessaa 7, 2022 godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haanna Mooraa waraana bilxiginnaa ganda Tuulamaa keessatti waldhabdee gidduu isaanitti uumameen walitti dhukaasuun walii isaani Wal madeessuu keessa beektonnii himani jiru.
Akka keessa beektonnii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti sababni waldhabdee isaani miseensonnii Poolisii humna adda Oromiyaa namni 12 mooricha keessa sirnicha ganuun badaniif akka ta’e himani jiru.
Itti dabaluunis mooraan waraana bilxiginnaa yeroo ammaa olaantummaa saba Amaaraan guutamuun tuffii fi arrabsoon sanyummaa irratti xiyyeeffate ilmaan Oromoo irratti geggeeffamaa jiraa jedhani jiru.
Sababa wal dhabdee kanaan mooraa ganda Tuulama sana buqqisuun gara magaala Daaboo Haannatti galuu isaanis dabaluun addeessaniru.
Kaabaa Shaggar onaa Warraa Jaarsootti waraannii shororkessaan PP qonnaan bulaa tokko ajjeessuu jiraattotni dubbatan.

