ONM-ABO Waxabajji 17, 2023
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo dantaa siyaasa isaaf ilaalchaan qoodee miidhaa irraan ga’uu itti fufuun godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessatti qonnaan bultoota irraan miidhaa qaqqabsiisanii jiru.
Haaluma kanaan dheengadda Waxabajji 15, 2023 aanaa Haroo Limmuu ganda Dingar jedhamtu keessatti loltootni Abiy Ahimed bobbaase qonnaan bultootaan isintu miseensota keenya baasee WBOtti geessaa jira jechuun reeban.
Namootni reebaman hedduu ta’us namoota akka obbo Kabbadaa Bojjos, Dabalaa Baay’isaa fi Darajjee Bojjos ammoo qabanii hidhanii jiraachuunis beekame.
Godinuma kana aanaa Kiiramuu gandoota akka Waastii, Jirmaa, Ajanaa fi Sanbatee keessatti ammoo finxaaleyyootni dheengadda Waxabajjii 15 uummata Oromoo irratti duula banuun manneen qonnaan bultoota hedduu kan guban yoo ta’u, dubartootaa fi daa’imman dabalatee namoota shan irra miidhaan qaamaa qaqqabee jira.
Sababa kanaanis namootni hedduun qe’ee gadi dhiisuun buqqa’uu kan nuuf himan maddeen, gochi badii finxaaleyyootni Amaaraa kun raawwatan aanaa Kiiramuu dabalatee aanota godina baha Wallaggaa keessatti hamaa ta’uu dabaluun ibsaniiru.

