ONM-ABO Waxabajji 19, 2023
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo nagaan akka hin jiraanne shororkeessuu fi dinagdee isaanii miidhuu irratti hojii hojjetan jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan Kamisa darbe Waxabajji 15/2023/ baha Oromiyaa godina Baha Harargee aanaa Baddannoo Magaalaa Baddannoo keessaa caasaan bilxiginnaa uummata shororkeessuun maallaqa fidaa jechaa turan.
Kanuma irratti hundaa’uun Jimaata darbe maallaqa deggersa miidiyaa OBN fidaa jechuun dirqamaan qarshii 200 hanga 1500 guuraa turan.
Oduu biraatiin ammoo baha Harargee aanaa Jaarsoo ganda Burqaa Mitee keessatti Waxabajji 15, 2023 hidhattootni abbaa irree PP namoota nagaa irratti reebicha ulfaataa geggeessaa kan turan yoo ta’u, haala kanaanis dargaggoo Badrii Musxafaa Abdullee jedhamu reebicha ulfaataa irratti geggeessaniin miidhaa ulfaataan irra ga’uun mana yaalaa seenee turuu jiraattotni dubbatu.
Aanichuma keessaa ganda Burqaa Misoomaa jedhamu keessattis waraanni maanguddoota hin kabajne kun maanguddoota lama osoo isaan balbala isaanii dura ta’aa jiranii sababa tokko malee reebicha irratti raawwataniin yaalaaf mana Yaalaa seenuu dabaluun addeessanii jiru.

