ONM-ABO Hagayya 8, 2023
Sababa Wal waraansa Impaayera Itoopiyaa keessatti jabaatee jiruun jireenyi hawaasatti baay’ee ulfaachuun, yaaddoo kan itti uumee jiru yoo ta’u, murni aangoo of harkaa qabu ammoo rakkoo uummatichaatti dabaluun uummata daldalatanii jiraatanitti gibira galii argataniin olitti itti murteessuun namuu hojii akka itti hojjetu dhabee jira.
Haaluma kanaan godina baha Harargee aanaa Baddannoo keessatti murni bilxiginnaa jiraattota onichaan kaffaltii gibiraa jechuun maallaqa humna isaanii olii qarshii 10,000-150,000 harkaa yoo guuran, namoota maallaqa kaffalan dhaban ammoo hidhaa jiru
Oduu biraatiin ammoo aanuma Baddannoo keesatti balaa hongee uummata mudateen uummanni birmannaa tokko malee rakkachaa kan jiru yoo ta’u, araddoota akka Hincinnii, Raasaa Jannataa, Ijabiyyaa, Qaancaa fi Baddannoo Keesatti rakkoo hongee kanaan namoonni buqqa’uun isaaniii barameera.

