ONM-ABO Waxabajjii 22, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuun diina du’aa fi madoon adabuu itti fufee jira.
Haala kanaanis korommiiwwan kibba Oromiyaa WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii lixaa aanaa Galaanaa , ganda Baddeessaa bakka addaa Bondicha jedhamutti kaleessa Waxabajjii 21, 2023 impaayeera Itoophiyaa tiksuuf bobbaafaman irratti tarkaanfii jabaa fudhateen loltoota 23 ol irraa yoo ajjeesu, 18 madeessuun adabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof

