ONM-ABO Hagayya 20, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Lixaa Hagayya 29, 2023 aanaa Galaanaa ganda Hirgansatti keessatti waaree booda sa’a 10:00 irratti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii kanaan bulchaa ganda tokko fi bulchinsaaf nageenya gandicha dhuunfachuun barnoota kenneefii qe’eetti kan deebise yoo ta’u, gama meeshaatiin qawwe AKM 8 diina irraa hiikuun galii danta qabsoo bilisummaa Oromoof oolcheera.
Injifannoon Uummata Oromoof!

