Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Godina Gujii Lixaa Aanaa Malkaa Sooddaa fi Galaanaa Keessatti Diina Du’aa fi Madoon Adabe

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa konyaa Gujii Lixaa Aanaa Malkaa Sooddaa ganda Daayaa Daawwaa iddoo addaa Gaara Cirratteetti tarkaanfii tiksitootaa fi leellistoota impaayera Itoophiyaa irratti kaleessa Fulbaana 29, 2024 fudhateen waraana faashistii Abiy Ahimed irraa battalatti 9 yemmuu ajjeesu 13 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Dabalataanis godinichuma aanaa Galaanaa ganda Boorree jedhamutti guyyuma kaleessaa tarkaanfii bakka garaagaraatti humna waraana Bilxiginnaa raayyaa ittisa biyyaa jedhe of yaamuu irratti fudhateen loltoota isaanii 11 yemmuu irraa ajjeesu 7 ol madoon adabeera.

Lolli hanga Bilisummaa, Walabummaa fi Birmadummaa Oromiyaatti itti Fufaa ❗

Injifannoon Afaan Qawwee Qofaan dhufa❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version