ONM-ABO Ebla 19, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Kibbaa konyaa Gujii Lixaa aanaa Galaana ganda Giwwee bakka adda Tafficha jedhamutti kaleessa Ebla 18 humna PP kan saamicha, gudeeddaa fi ajjeechaa jumlaan uummata Oromoo hiraarsaa turte irratti tarkaanfii laaleessaa fudhateen loltoota 18 ol yemmuu irraa ajjeesu, 15 ol madoo dandammii hin qabneen adabe jira.
Madoon loltoota bilxiginnaa hospitaala magaalaa Diillaatti yaalama akka jiran mirkaneeffachuun danda’ameera.
Guyyuma kana halkan keessaa sa’a 5:00 irratti aanaa Surroo Barguddaa ganda Harrattuu Haaraatti tarkaanfii waraana PP irratti fudhateen magaalicha keessaa ari’ee baasuun tikoota bilxiginnaa 2 harkaan qabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

