Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Gujii Lixaa ona Surroo Baarguddaatti waraana PP adabe

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Gujii Lixaa ona Surroo Baarguddaatti waraana PP adabe!

ONM-ABO Fulbaana 29, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa godina Gujii Lixaa keessa sosso’u Cibraan Gumaabaas TUULAA SURROO FI GOOROO DUGDAA wal ta’uun lola qindaa’aa aanaa Surroo Barbuda ganda Ejersa Muraatti kaleessa Fulbaana 28, 2022 sa’a 10:00 irratti tarkaanfii laaleessaa humna waraana faashiistii Abiy Ahimed raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhu irratti fudhateen adaba sirrii kenneeraafi.

Humnootni tiksitoota impaayerattii kun qabeenya uummata Oromoo dukkaanaa fi maallaqa ummata mana cabsuun magaalaa Kombolchaa keessaa saamaa kan turan yoo ta’u leencotni ilmaan sabaa WBOn karaatti haxxee itti hidhuun loltoota diinaa 25 ol battalatti yommuu ajjesu 14 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Walumaagalatti madoo fi reeffa konkolaataa Isuzu tokkoo fi paatiroolii tokkoon gara magaalaa godinaa Bulee Horaatti fe’atanii jiru.

Uummatni gabroome afaan qawween bilisooma!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version