Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa fi Gujii Lixaa Surroo Barguddaa fi Galaanaa keessatti diina adabe 

ONM-ABO Fulbaana 20, 2024

Gootichi sabaa WBO’n Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii irraa gara godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaatti adeemaa turte haxxee itti hidhuun konkoolaataa 3’f tokko fi FSR tokko barbadeessee jira. 

Tarkaanfii Fulbaana 19, 2024 irree fi gaachanni sabaa WBO’n aanaa Muneessaa ganda Daamuu keessatti ganama barraaqaan daandii guddicha magaalaa aanaa Muneessaa  Qarsaa geessu irratti ba’uun loltoota impaayera dulloomaa Itiyoophiyaa tiksuuf deemtu  rasaasaan akaa’ee baaruudaan macheessuun fudhateen loltoota 13 irraa ajjeesee 19 madeessuun konkolaataa ishee hojiin ala gochuun barameera.

Irree fi gaachana uummata Oromoo kan ta’e WBO’n Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Makkalaa jedhamtutti Fulbaana 18, 2024 waraana faashistii Abiy Ahimed irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabeera .

Lola kana irratti kan rukutamte humna sakkattaa WBO’f bobbaate yoo ta’u jajjabeen WBO ari’ee mooraatti galchuun achiis mooraatti itti seenuun  keessaa baasee guutummaan guutuutti dhuunfatee jira .

WBO’n tarkaanfii godinicha keessatti fudhatu itti fufuun Fulbaana 17, 2024 aanaa Galaanaa Abbayyaa bakka Gaangowwaa jedhamtutti waraana faashistii PP hedduu tikoota isaanii waliin du’aa fi madoon adabee jira.

Exit mobile version