ONM-ABO Fulbaana 19, 2024
Gootichi sabaa WBOn Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii irraa gara godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaatti adeemaa turte haxxee itti hidhuun konkoolaataa 3f tokko fi FSR tokko barbadeessee jira.
Tarkaanfii har’a Fulbaana 19 irree fi gaachanni sabaa WBOn aanaa Muneessaa ganda Daamuu keessatti ganama barraaqaan daandii guddichaa magaalaa aanaa Muneessaa Qarsaa geessuu irratti ba’uun loltoota impaayera dulloomaa Itoophiyaa tiksuuf deemtuu rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun fudhateen loltoota 13 irraa ajjeesee 19 madeessuun konkoolaataa ishee hojiin ala gochuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

