Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Daandiin aanaa Anfilloo magaalaa Muggii wal qunnamsiisu addaan cituu irraan kan ka’e uummanni miillaan deemuu itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2023

Maqaa guddina misoomaan haala qabatamaa impaayerattii keessa jiru haaluun miidiyaatti kan dubbatan qondaaltotni PP, haalli hawaasni keessa jiru garuu rakkisaa ta’uun barameera.

Aanaalee fi magaalotni hedduun rakkoolee bu’uuraaleen misoomaa guutamuufii dhabuu akkasumas kan jiru duullomuun tajaajila kennuu hanqachuu irraan kan ka’e rakkoo keessa jiru.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii fi gandoota naannoo ishee keessattis uummanni sababa daandiin magaalaa Dambii Doolloo fi Muggii wal quunnamsiisu bakkoota akka Dalloo fi ganda Ubbur Shollaatti citeef jecha konkolaataan deddeebisaa uummataa tajaajila kennuu dhaabee jira.

Uummanni rakkoo ba’uuf konkolaataa fe’umsaan deemaa turus rakkoon sun hammaachuun daandichi  konkolaataa kaminuu deemsisuu waan dideef daandii KM 42 miilaan deemuuf dirqamanii jiru.

Sababa kanaanis manguddootni, daa’imman, dubartiin ulfaa fi qaama hir’eeyyiin rakkoo keessa jiraachuutu himama.

Rakkoon kun akka furamuufiif bulchiinsa Bilxiginnaa aanichaa gaafatanis ooraalii keenya nuuf deddeebisnaan, kan hawaasaa waan nu ilaallatu hin qabu, waraanni keessan WBO’n isiniif haa sirreessu ittiin jechuun itti qoosuu jiraattotni dubbachuun, daandii sun erga mootummaan Dargii baasee qaamni fooyyesse hin jiru, dhagaa bu’uuraa daandii cirracha gurraachaa Dambii Doolloo Gambeelaa waggaa lamaan dura kaa’ames jalqabbii isaa hin argine jechuun komee isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version