ONM-ABO Waxabajji 28, 2023
Waraanni maafi’aa PP godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Taanoo seenuudhaan mana Obbo Abarraa Dabaloo keessaa qarshii 22,000 erga saamaniin booda obbo Abarraa Dabaloo fi ilma isaa Nagaraa Abarraa qabanii namoota biroo afur waliin magaalaa aanichaa Haroo geessanii mooraa waraanaa keessatti hidhuudhaan reebicha hamaa irratti raawwachaa jiru.
Namoota hidhaman kanas nyaata dhorkatanii beelaan miidhaa jiru.
Namootni qabamanii mooraa waraanaa PP kana keessatti dararamaa jiran:
1. Abarraa Dabaloo (abbaa)
2. Nagaraa Abarraa
3. Galataa Nagarii
4. Lammaa Olaanii
5. Waaqgaarii Amsaaluu fi
6. Baayisaa Gammaadaa nama Naannoo Beenishangul Gumuz godina Kamashii aanaa Yaasoo irraa lola humna addaa naannichaatiin qe’ee isaarraa buqqa’ee ganda Taanootti mana baabura midhaan daakuttii qacaramee hojjetuudha.
Waraanni PP kun manuma baaburaa midhaanii sanitti reebanii qaama isaa bakka hedduu dhiigaa fi madaa gochuun qabanii namoota kanneen waliin mooraa isaanii geessan.
Akka jiraattotni magaalaa Haroo jedhanitti mooraan waraana PP magaalaa Haroo jiru hidhamtoota badii tokko hin qabneen guutamee jiraachuu ibsanii jiru.

