ONM-ABO Adoolessa 8, 2023
Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu kutaa magaalaa Noonnoo keessatti kaabinootni fi milishootni magaalichaa manneen uummataa irra deemuunii fi waajjiratti waamuun dirqiin maallaqa itti murtaa’e akka kaffalan gochaa jiru.
Keessaayuu saamichi maallaqaa kun kan inni irratti xiyyeeffate abbootii qabeenyaa Oromoo bakkoota birootti dhalatanii hojii magaalicha keessatti hojjechaa jiran irratti.
Uummata Oromoo gandaan qoodee tokko michoomsuu fakkeessee tokko ofirraa dhiibuun gadaa aangoo isaa dheereffachuu kan barbaadu murni bilxiginnaa karaa caasaalee isaa kana abbootii qabeenyaa bakka birootti dhalatan xiqqaa qarshii 40,000 guddaan qarshii 100,000 akka kaffalan dirqisiifamaa jiru.
Warra dandeenyee qarshii isin nutti murtan kana hin kaffallu jedhan; isin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun hidhaa fi lubbuu isaaniif doorsisaa jiraachuu maddeen himan.
Yeroo itti qalaa’insi jireenya impaayerattii raasee fi namootni bitatanii nyaachuun itti ulfaatetti maatii tokkotti qarshii amma kana akka kaffalan dirqisiisuun kun akeeka dinagdeen ilmaan Oromoo dadhabsiisuu sirnichi qabatee socho’aa jiru ta’uu nama hubachiisa jechuun maddeen dabaluun yaada isaanii nuuf qoodanii jiru.

