Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tarkaanfii miseensotni poolisii humna addaa mootummaa naannoo Gambeelaa duraanii raayyaa ittisa impaayerattii irratti fudhataniin miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii irra miidhaan ga’uu fi ilmaan Oromoo 2 magaalichuma keessaa ajjeefamuun barame

ONM-ABO Adoolessa 8, 2023

Walitti bu’iinsi maddi isaa hin beekamnee fi aanga’ootni mootummaa naannoo Gambeelaa akkasumas Federaalaa dhoksaa turan yeroo ammaa ifa ba’aa jira.

Erga poolisootni humna addaa naannoolee gara raayyaa ittisa impaayerattiitti haa makaman jedhamee as magaalaa Gambeelaa keessatti galgala galgala dhukaasni qaamota raayyaa ittisa impaayerattii fi poolisoota humna addaa naannichaa kanneen qajeelfama ba’e diduun badanii jiran gidduutti taasifamu sadarkaa guddaa irra ga’uun guyyaa guyyaan lubbuu hidhattootaa fi namoota nagaa galaafachuu itti fufee jira.

Dheengadda Adoolessa 6, 2023 mootummaa naannoo Gambeelaa naannoo marfata Mattuu gajjallaa bakka istaadiyeemii jedhamutti halkan keessaa miseensotni poolisii humna addaa duranii kun raayyaa ittisa impaayerattii irratti tarkaanfii fudhataniin raayyaa ittisa impaayerattii irraan miidhaan du’aa fi madoo jabaan qaqqabeera.

Sababa dhukaasni gurguddaan magaalattii keessatti ta’eefis uummatni ganama mana banachuu sodaachuun hawaasni hojii idilee isaaniitti osoo hin seenin hanga sa’a 4:00tti turuu maddeen himaniiru.

Oduu biraatiin ammoo waraanni faashistii PP kun magaaluma Gambeelaa keessatti ilmaan Oromoo 2 badii tokko malee dheengadduma Adoolessa 6 ajjeesee jira.

Dargaggoo dhalootaan magaalaa Dambii Doolloo ganda 05 ta’e Mulugeetaa Cannaaloo kan jedhamu naannoo buufata Goonder masjiida cinaatti kan ajjeesan yoo ta’u, dargaggoo Akiliiluu Geetahuun ammoo naannoo Marfata Mattuutti ajjeesanii jiru.

Akiliiluu Geetaahuun abbaa qabeenyaa mana koompiyuuteraa yoo ta’u, kanaan duras sabni Anyu’aa mana rifeensa sirreeffannaa isaa gubanii akka turan maddeen magaalaa Gambeelaa dabaluun addeessaniiru. 

Exit mobile version