ONM-ABO Adoolessa 13, 2024
Guutummaan impaayerattii Bilxiginnaa jalatti nagaa dhabuun lubbuun namoota nagaa fi caasaa bilxiginnaa badaa fi sabni lolamaa, akkasumas; hannaan qabeenyi biliyoonaan lakkaa’aman badaa jira.
Impaayera nagaa dhabde kana jalatti Adoolessa 11, 2024 mootummaa naannoo Gambeelaa ganda 05 bataskaana Sillaasee dugda duubatti miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 ajjeefamanii argaman.
Ajjeechaan kun kan raawwate Kamisa waaree booda ta’uu isaa kan nuuf hime jiraataan magaalichaa tokko, guyyaa sana loltootni impaayerattii bakkichatti argamuun akka namootni hin ilaalle dhorkaa turan.
Kaleessa ammoo daggala naannichaa keessa socho’uun manneen uummata naannoo sanaa hunda sakatta’aa turuu dubbata.
Mootummaa Naannoo Gambeelaa Fagaag, Laaree, Abooboo, Itaangii fi Abool bakkoota adda addaa keessatti hidhattoota gosoota Nuweerii fi Anyuwaak gidduutti wal dhibdee dhalateen lubbuun namootaa fi qabeenyi badaa turuu kan nuuf hime maddi keenya tokko, murni bilxiginnaa federaalaa hanga naannichaatti soba dhugaa fakkeessuun naannoo jeequmsa keessa jirtu nagaa qabdi jechuun dubbatan kijiba jechuun ragaa waliin ibsa.
Naannoo Gambeelaatti ajjeesaa fi ajjeesisaan Bilxiginnaadha kan jedhu maddi keenya, koomishinara poolisii naannoo Gambeelaa ajjeechaa ilmaan Oromoo fi kanneen biroo irratti baatii Waxabajjii 2022 keessa raawwachise Obbo Abuulaa Ubaang yakka ajjeechaa ittiin himatame jalaa bilisa taasisuun olaantummaan seeraa fi gaafatamni akka hin jirre agarsiisa jechuun mooraa isaanii keessatti walitti deebi’anii wal ajjeesuun Bilxiginnaan laaffatee jiraachuu mul’isa kan jedhu yaada namoota baay’eeti.

