ONM-ABO Adoolessa 19, 2023
Kaleessa Adoolessa 18, 2023 Mootummaa Naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa Dombooskoo irraa meetira 500 kan calle bakka Nuweerotni baay’inaa qubatanii jiranitti dhukaasni meeshaa guddaan dabalamee geggeeffamuun hawaasni jeeqamaa akka ture barameera.
Dhukaasni kun yeroo toora sa’a 11:00tti naannoo Dombooskoo kan magaalaa Gambeelaatti dhiyeenya qabdu irratti geggeefffamuun jiraattota magaalaa Gambeelaa sodaa keessa galchuun mana cuccufatanii daandii irraas akka dhabaman taasisee jira.
Dhukaasni naannoo Dombooskoo bakka Nuweerotni baay’inaan qubatanii jiranii fi iddoo waliin jireenya sabaa fi sablammootaa jedhamutti ka’e babal’achuun naannoo gaara Jajjabee daandii Newland tti kan ce’e yoo ta’u, hidhattootni Nuweerii gara magaalaatti ce’uuf dhukaasa jabaa geggeessaa ture.
Dhukaasni hanga addabaabaayitti waraana bilxiginnaa waliin geggeessaa turan kanaanis lubbuun kan du’ee fi kan madaa’e hedduu ta’uun barameera.
Dhukaasni kun waraana bilxiginnaa fi warreen qawwee hin hiikkannu jechuun wal ijaaranii naannoo sana keessa socho’aa jiran akka ta’ee fi walitti bu’iinsi gosoota Nuweerii fi Anyuwaak gidduutti jiraachuu jiraattotni quban qaban ni ibsu.
Magaalaa Gambeelaa bakkoota adda addaatti dhukaasa torbanoota lamaan kana gidduutti taasifameen waraanni bilxiginnaa hedduu du’uu fi aarii kanaanis namoota nagaa keessaayuu ilmaan Oromoo 10 ol ajjeesuun isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

