Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaa Naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa Dombooskoo irraa meetira 500 kan calle bakka Nuweerotni baay’inaa qubatanii jiranitti dhukaasni meeshaa guddaan dabalamee geggeeffamaa jira

ONM-ABO Adoolessa 17, 2023

Dhukaasni kun yeroo gabaaasni kun qindaa’etti daqiiqaa 30 kan guute yoo ta’u, jiraattotni magaalaa Gambeelaa sodaa keessa galuun mana cuccufatanii daandii irraas dhabamanii jiru.

Dhukaasni kun waraana bilxiginnaa fi warreen qawwee hin hiikkannu jechuun wal ijaaranii naannoo sana keessa socho’aa jiran akka ta’e jiraattotni quban qaban ni ibsu.

Bakki kun kan kanaan dura maqaa sabaa fi sablammootaan ijaarame yoo ta’u torbee darbes lolli cimaa fi ajjeechaan sukkanneessaan lammiilee nagaa irratti raawwachuu gabaasnee turre.

Exit mobile version