Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar Aanaa Dandii keessatti Waraanni faashistii PP Qeerroo tokko ajjeessuun maatii awwaallachuuf ba’e hidhanii dararaa jiru 

ONM-ABO Adoolessa 8, 2023

Ajjeessuun mo’amuudha jechuun qaamni afaan faajjii uumee teessuma abbootii isaa gadi jabeeffate bilxiginnaan, ilmaan Oromoo haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuu itti fufee jira.

Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii keessatti dargaggoo Shannuu Alemnee WBO waliin hariiroo qabda jechuun kan ajjeessan yoo ta’u, reeffa maatii fi firoottan isaa dhorkachuun akka hin awwaalamne godhanii turuu  maddeen keenya himaniiru.

Adoolessa 5, 2023 aanaa Dandii ganda Warqaa Gaaraa jedhamu keessatti kan ajjeessan yoo ta’u, maatii fi firoottan isaa reeffa isaa kaasuuf deeman namoota 13 qabuun aanaa Ilfataatti hidhanii jiru.

Namoota hidhaman keessaa hanga ammaatti kan maqaa isaanii arganne
1 Obbo Alamnee Lammeessaa
2 Siisee Lammeessaa
3 Likkee Lammeessaa
4 Chuuchuu Lalisaa
5 Yaadasaa Labataa
6 Mul’isaa Galataa kan jedhaman yoo ta’u, warreen hafan immoo hanga ammaatti maqaa isaanii hin argatin jirra.

Namoota hidhan kana dararaa fi reebicha hamaa irraan ga’uun kan hidhan yoo ta’u, dubartii Likkee Lammeessaa jedhamtu mataa ishii qofa bakka 6 buruqsanii yaala dhorkachuu   fi gadda mucaa isaanii  mana hidhaa  keessatti dabarsaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version