Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Dandii keessatti abbaan maatii tokko waraana sirnichaan qe’ee isaatti ajjeefamuu jiraattotni ONMtti himan

ONM-ABO Amajjii 8, 2024

Oromiyaa keessatti ajjeechaan guyyaa guyyaan murna bilxiginnaan namoota nagaa irratti adeemsifamaa jiru daraan dabalaa deemaa kan jiru yoo ta’u akka kanaan itti fufnaan uummanni Oromoo waggoota muraasa keessatti lafa irraa jira jedhu jiraattotni bakkoota adda adda irraa Arraatni Biyyooleessa oromiyaa dubbise.

Uummata nagaa lafa irraa duguuguuf karoorfatee kan itti jiru koloneel Abiy Ahimed waraana isaaf amanamoo ta’an hawaasa gidduutti bobbaasuun namoota nagaa hojii isaanii qofaratti xiyyeeffatanii jiran irratti ajjeechaa raawwachaa kan jiran, lixa Shaggar aanaa Dandii ganda Qabaa Bareedaa keessatti dheengadda gaafa Amajjii 6, 2024 abbaa maatii kan ta’e nama maqaan isaa Mul’isaa Hundee jedhamu ajjeesuu maddeen bakkichaa himan.

Namni ajjeefame kun qonnaan bulaa hojii qonnaan maatii isaa jiraachisu yoo ta’u balleessaa tokko malee rasaasa itti roobsun maatii isaa biraa ajjeesuusu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version