Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo lama mootummaa naannoo Gambeelaa keessatti ajjeesuun barame

ONM-ABO Adoolessa 10, 2023

Waraanni faashistii PP dhiiga ilmaan Oromoo bakka hundatti dhangalaasuu bare, kaleessa Adoolessa 9, 2023 mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti dargaggoota Oromoo lama ajjeessuun barameera.

Dargaggoota Oromoo guyyaa kaleessaa waraanni maafi’aa pp magaalaa Gambeelaa naannoo Diippoo fi mana hidhaa Tilliq Sawu fuulduratti ajjeessan kun Abraaham Kumsaa aanaa Ayiraatti kan dhalatee fi Eebbisaa Nagaroo dhalataa magaalaa Gimbii akka ta’e maddeen himaniiru. 

Eebbisaa Nagaroo hojjetaa baankii Awwaash yoo ta’u, Abraaham Kumsaa ammoo konkolaachisaa dha.

Ilmaan Oromoo kunneen badii tokko iyyuu osoo hin qabanne Dilbata kaleessaa waraana Abiy Ahimediin ajjeefamuu isaaniitti hiriyootni fi firoottan isaanii gadduun impaayera waraanni paartii tiksu socho’utti lubbuun namootaa akka salphaatti baduun akka itti fufu haala ta’aa jiru irraa ni barama jechuunmaddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version