Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuuu keessatti waraanni shororkeessaa bilxiginnaa hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiru daran jabeessan

ONM-ABO Adoolessa 11, 2023

Tiksitoonni impaayera Itoophiyaa ajaja koloneel Abiy Ahimadiin goleewwan Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo dararuu fi dachee abbaa isaanii irraa dhabamsiisuuf bobbaafaman gochoota dhala namaaf hin malle guyyaadhaa gara guyyaatti saba Oromoo irratti raawwachaa oolu.

Haaluma kanaan Godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuuu keessaa gandoota akka Kalaalaa, Rifeentii fi Sankooraa keessatti gochoonni ciigaasisoon murna PPn qe’ee Oromootaa irratti raawwachaa jira.

Adooleessa 6, 2023 ganda Sankooraa keessatti namaa nagaa tokko ajjeesuun gariin ammoo reebicha hamaa irraan ga’anii  hidhaatti galchan.

Maqaan namoota  hidhamanii kunis  obbo Dinqaa Fufaa, obbo Olaanaa Garbaa, Mandeellaa Dinqaa fi obbo Nuunee Nugusee namoota jedhamaniidha.

Achuma ganda Kalaalaa keessaa obbo Darajjee Nugusee nama jedhamu jalaa maashina huccuu hodhuuu qabeenyaa mana guutuu waliin kan jalaa fudhatan yoo ta’u obbo Dhugaasaa Baqqalaa jalaa ammoo xaafii ardaba sadii  qabeenya waliin fe’atanii akka deeman kan dubbatan jiraattonni barsiisaa Damisoo nama jedhamu jalaa doqdoqqee tokko kan fudhatan.

Obbo Lalisaa Olaanii irraan ammoo reebicha ulfaataa ga’uun miidhaa qaamaa jabaaf saaxilamanii ciisaa jiraachuu jiraattotni ibsu.

Ganda Rifeentii keessaa midhaan uummataa hedduu erga fe’atanii booda obbo Roobaa Mangistuu nama jedhamu ammoo reebicha hamaa irraan ga’uun doqdoqqee isaa jalaa gubanii isa ammoo fudhanii deeman.

Walumaa galatti qabeenyi gandoota sadan kana keessa saamame kan konkolaatti fe’atan malee kan barbadaa’e maallaqa guddaatti shallagamas jedhu jiraattonni.

Baatii kana keessa magaalaa Haroo keessaa fi baadiyaa ishee keessaa namoonni siyaasa kam irraayyuu walaba ta’an torba ajjeefamuus kan ibsan uummanni naannichaa ergama sirna nama nyaataa kanaa fudhaachuun uummata dararaa kan jiru nama maqaan isaa Amsaaluu Amanuu jedhamu ta’uu dabaluun  Arraata Biyyoolessa Oromiyaa aanaa Haroo Limmuuu gabaasaniiru.

Exit mobile version