Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuutti manneen hawaasaa gubachuun midhaanis saamaman

ONM-ABO Amajjii 6, 2024

Uummanni Oromoo erga koloneel Abiy Ahimed gara aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee alaaf manni isaa nagaa dhabuun duula jabaa sabicha lafa irraa balleessuuf irratti taasifamaa jiruun namoonni hedduun qabeenyaa fi lubbuu isaan ala ta’eera.

Uummata nagaa hojii idilee isaanii irratti bobbaa’uun jiraatan kanneen siyaasa hin beekne fi maatii hojii qonnaa hojjechuun maatii isaanii jiraachisan gara laafina tokko malee baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Rifeentii fi Kalaalaa araddaa Buttujjii keessatti Amajjii 3, 2024 gubaatiin manneen namootaa fi saamichi hidhattoota koloneel Abiy Ahimediin raawwatameera.

Obbo Tolasaa Ijaaraa kan jedhamu qonnaan bulaa abbaa maatii yoo ta’u ganda Rifeentii keessatti mana isaanii mi’a mana keessaa dabalatee tokko osoo hin baafatiin hidhattootni sirnichaa ibiddaan gubuun yoo barbadeessan maatii isaa waliinis bakkeetti bahanii jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Ganda Kalaalaa Araddaa Buttujjii keessatti qabeenya uummata Saalixii Kuntaala 300 ol fe’atanii yoo deeman, qonnaan bultootni qabeenyi isaanii saamame kunneenis Darajjee Naggarraas, Dirribaa Hayiluu, Biqilaa Hayilee fi Gonfaa Amantee kanneen jedhaman qabeenya dafqanii horatanirraa ala ta’aniiru.

Kana malee ganduma kalaalaa keessaa mana uummataa caccabsuun maallaqa hedduufi uffannaa ijatti tolu saanduqa uummataa caccabsanii saamanii jiru jechuun, walumaagala badii kaabineen aanichaa hojjechiisaa jiru daraan ulfaatadhas jedhan.

Yeroo darbes qote bultoota kudhan ganda Sankooraa keessatti ajjeesanii daa’ima abbaa malee ambisuun mudannoo baatii tokkoo asiitii jechuun, ammas kaabinoonni kun waraana qe’ee Oromootti garmalee bobbaasuun uummata nagaa dhowwataa jiru, kan barbaadan ajjeesaa kaan qe’ee irraa ari’aa oolu kun immoo warruma kaleessa dhiiga ilmaan Oromoon garaa guddifateen har’as  raawwatamaa jira jechuun addeessaniiru.

Exit mobile version