Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Limmuu keessatti waraanni bilxiginnaa manneen jiraattotaa gubuu hammeessan
 

ONM-ABO Amajjii 6, 2024

Gocha yakka waraanaa guyyaa irraa gara guyyaatti qe’ee Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruun maatii hedduun bakkee onaa irratti hafuuf dirqamaa kan jiran yoo ta’u, loltootni PP manneen namoota nagaa gubanii mancaasuu hojii isaanii hangafaa taasifatanii jiru.

Kaleessa Amajjii 5, 2023 loltootni raayyaa ittisa impaayera itoophiyaa uummata nagaa hiraarsuuf dirqama fudhatanii bobbaafaman Lixa Oromiyaa baha Wallaggaa aanaa Limmuu ganda Saqalaajjee keessaa manneen qotee bultootaa ibiddaan gubanii barbadeessaa turuu jiraattotni dubbataniiru.

Namootni manni isaanii jalaa gubate kunneen Gonfaa Owwaataa, Lammaa Guddinaa fi Obboo Baqqalaa Taaddagaa kanneen jedhaman yoo ta’u, namootni kun yakka tarkaanfii haga kana ga’u qe’ee isaanii irratti raawwachiisu dalaganii osoo hin taane, ilma Oromoo ta’uu isaanii qofaaf yakkamuu kan himan jiraattotni, manni isaanii qabeenya mana keessaa cufa waliin waan jalaa gubateef harka duwwaatti kan hafan ta’uus heeraniiru.

Exit mobile version