Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuutti qonnaan bultoota jalaa waraanni faashistii PP manneen gubuun himame 

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2024

Koloneel Abiy Ahimed bara dheeraa dura cunqursaa  abbootiin irree warreen sanyii mootii ofiin jedhan Oromoo irratti gochoota dabaa harka muraa fi harma muraa taasisaa turan bifa jijjiiree bulchiinsa aangoo isaa keessatti ajjeesee bineensa nyaachisuu, mana gubee maatii bakkeetti hambisuu fi hidhee mana hidhaa keessatti qaama hir’uu taasisuu hojii isaa guyyuu godhatee jira.

Seenaa addunyaa keessaa mootummaan cunqursaan kufuu akka hin oolle dagatee sirni bilxiginnaa hawaasa irrraa dhalate bakka teessumaa dhorkatee jiraachuun godina  Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Gaattiraa Dambii araddaa Koboo Maaruu jedhamutti manneen jiraattotaa hedduu gubuun ifoomeera.

Manneen jiraattotaa  dheengadda Waxabajjii 20, 2024  kan gubate yoo ta’u, maqaan namoota manneen isaanii gubatee muraasni kan nu ga’e: Obbo Fayyisaa Dabaloo, Yaadata Dhugumaa fi obboleessa isaa waliin akkasumallee Gammachuu Hayiluu namoota jedhaman jalaa qabeenya guutuu waliin ibidda itti shidanii gubaniiru.

Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo horii uummataa oofachuun kaan qalachuun kaan kan ooffatan yoo ta’u, obbo Shifarree Fayyisaa jalaa hoolaa korbeessa tokko qalatanii sangoota hedduus uummata jalaa saamuun bakka addaa Suggee jedhamutti qalatanii nyaachuun beekameera. 

Obbo Lammaa kan jedhamu ammoo sangoota lama kan isaan namarraa fuudhanii ittiin qotachaa turan, bakka qonnaatti deemanii harkaa fudhatanii kan deeman ogguu ta’u maanguddoo Dojaa Fayyisaa jedhamu ammoo reebicha jabaa irratti taasisuun saanjaan waraananii deemuu ONM odeeffateera.

Exit mobile version