Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaa dheengadda mootummaa naannoo Gambeelaa aanaa Abool keessatti gosti Anyuwaak fudhataniin ilmaan Oromoo 7 ajjeefaman

ONM-ABO Adoolessa 15, 2023

Walitti bu’iinsi gosoota Anyuuwakii fi Nuweerii akkasumas raayyaa ittisa impaayerattii fi poolisoota humna addaa naannichaa badanii jiran giddutti darbee darbee raawwatuun lubbuun namoota nagaa galaafatamaa jira.

Dheengadda Adoolessa 13, 2023 konkolaataa deddeebisaa uummataa magaalaa Itaang irraa gara magaalaa Gambeelaa deemaa jiru irratti  gosti Nuweerii fudhataniin booda gosti Anyuwaakis konkolaataa magaalaa Gambeelaa irraa gara aanaa Abool dhaqaa jiru irratti haleellaa raawwataniin namoota saddeet ajjeesan.

Namoota ajjeefaman keessaa 7 ilmaan Oromoo ta’uun barameera.

Namoota 7n ajjeefaman keessaa kan maqaa arganne Toleeraa Bantii, Saamu’el Bicaaqaa, Damee Solomoon fi Surraa Geetaahuun ta’uun barameera.

Ilmaan Oromoo magaalaa Gambeelaa keessatti guyyaa guyyaan ajjeefamuun kan baratame yoo ta’u, ajjeechaa kana dhaabsisuuf qaamni naannicha bulchaan jira jedhu tarkaanfii fudhate hin qabu.

Exit mobile version