ONM-ABO Caamsaa 13, 2024
Lola gosoota Nuweerii fi Anyuwaak gidduutti mootummaa naannoo Gambeelaa keessatti bara darbe bifa haaraan eegaleen loltootni faashistii PP fi gosoota lameen walitti dhukaasaniin lubbuun loltootaa fi hawaasa nagaa galaafatamaa jira.
Lola Caamsaa 10, 2024 mootummaa naannoo Gambeelaa aanaa Itaang daangaa Nuweerii fi Anyuwaak gidduutti gosootni lamaan wal irratti taasisaniin gosti lachuu namoota wal irraa ajjeesaniin cinaatti raayyaan ittisaa impaayerattii namoota lama gosa Anyuwaak irraa ajjeesanii turan.
Gosti Anyuwaak tarkaanfii deebii loltoota bilxiginnaa irratti fudhataniin loltootni 12 yoo du’an 9 madaa’an. Kanneen madoon isaanii ulfaataa ta’e 4 guyyaa dheengaddaa Caamsaa 11 hospitaala Gambeelaa seenanii jiru.
Lolli gosoota Nuweer fi Anyuwaak gidduutti yeroo jabaatee jiru kana keessatti waraanni koloneel Abiy Ahimed gosa Anyuwaakiin meeshaa hiikkadhaa jechuun warra didan ajjeesaa akka jiran barameera.
Waraanni faashistii PP guyyaa kaleessaa mootummaa naannoo Gambeelaa aanuma Itaang keessatti gosa Nuweer irraa qawwee hiikuuf sochii taasisee ture.
Haa ta’u malee gosti Nuweer qawwee hin hiikkannu jechuun lola bananiin loltootni bilxiginnaa du’aa fi madoon adabamanii jiru.
Loltootni bilxiginnaa 7 du’aan 6 ammoo madoo cimaan hospitaala Gambeelaa kan seenan yoo ta’u, achi keessaa loltuun tokko akka seeneen lubbuun isaa darbeera.

