Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni gosoota Nuweer Sudaan Kibbaa irraa dhufan naannoo Gambeelaa keessatti haleellaa loltoota faashistii Itoophiyaa irratti fudhatan yoo jabeessan walitti bu’iinsa gosaatiinis miidhaan Itaang keessatti qaqqabuun barame


ONM-ABO Ebla 26, 2024

Lolli lafa impaayera Itoophiyaa irratti raawwatuu fi sarbamiinsi birmadummaa mudatu bara bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed itti fufuun hidhattootni gosoota Nuweer daangaa Itoophiyaa ce’uun naannoo Gambeelaa keessatti tarkaanfii loltoota Itoophiyaa irratti fudhachaa jiru.

Akka odeessi naannoo sanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe addeessutti hidhattootni Sudaan Kibbaa irraa daangaa ce’uun dhufan mootummaa naannoo Gambeelaa aanaa Funyuudoo keessatti tarkaanfii waraana maafi’aa PP irratti fudhatanii jiru.

Lolli meeshaalee gurguddaa fayyadamuun taasifame kun aanaa Funyuudoo magaalaa ishee irraa tilmaamaan kiloomeetira 70 hanga 80 kan taatu bakka Joor jedhamutti yoo ta’u, lola geggeeffame kanaanis loltootni Itoophiyaa hedduun miidhamuu fi gandootni 3 ol gubatanii barbadaa’aniiru.

Loltoota faashistii Itoophiyaa kanaaf ogeessota yaalaa bakka lolaatti aanaa Funyuudoo irraa akka geessan barameera.

Gosootni Nuweerii kun ganda barbadeessaniin alatti daa’imman naannichaa fudhatanii deemaniiru.

Yeroo ammoo lolli kun aanaa Funyuudoo irra darbuun lafoota akka Mataahaar fi Ninyaangitti geggeeffamaa jiraachuun barameera.

Jiraataa magaalaa Gambeelaa tokkoof gaaffii armaan dura gosoota maqaa Murullee jedhamuun beekamantu lafa sanatti lola banee daa’imman fudhatee deema, kun isa kana irraa addaa jedhamee gaafatameef deebii kennen, kun Murullee miti. Gosoota Nuweer Sudaan Kibbaa irraa dhufanii dha. Nuweerotni Sudaan Kibbaa irraa dhufuun mooraa baqataa keessa turan dhimma kana sodaachuun mooraa gadhiisanii Sudaan Kibbaatti deebi’aa jiru jedhe.

Jiraataa kan biraa kan magaalaa Mataahaar irraa yaada arganneenis “walitti bu’iinsi durumaa kan ture yoo ta’u, kan ammaa garuu lola qindaa’aa ta’uu fi diinummaan gosoota Nuweerii fi Anyuwaak gidduutti yeroo hammaatee jirutti ta’uun waliigala keenyaaf balaa dha” jedhe.

Sudaan Kibbaa loltoonni kun kan ishee akka hin taane waakkattus lolli torban sadii dura daangaa irratti naannoo Fagaag dabalatee jalqabe amma gara magaalaa guddittii Gambeelaatti deemaa jira.

Kun kanaan osoo jiruu walitti bu’iinsa gosoota Nuweerii fi Anyuwaak gidduutti daangaa gosoota lamaanii aanaa Itaang bakka addaa Kool jedhamutti kaleessa Ebla 25, 2024 meeshaalee waraanaa gurguddaan dabaalamuun taasifameen miidhaan qaamaa fi lubbuu gosoota Anyuwaak irra qaqqabuun barameera.

Lola gosoota Nuweer fi Anyuwaak gidduutti kaleessa taasifame kana raayyaan ittisa impaayerattii gosa Anyuwaak irra goruun haleellaa raawwachaa kan ture yoo ta’u, waraana faashistii fi gosa Anyuwaak irraa namootni hedduun du’uu fi madaa’uun ibsameera.

Madoon raayyaa ittisa impaayerattii fi gosa Anyuwaak hospitaala Gambeelaatti yaalamaa akka jiran odeessi nu qaqqabe ni addeessa

Murni faashistii PP dhimma kanaaf dhoksaan tarkaanfii raayyaa waraana impaayeratti achi jiraniin deebii kennaa ture. Yeroo ammaa garuu lolli kun ulfaachaa waan deemaa jiruuf loltoota isaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Seertumii/Shebel jiran irraa guyyaa dheengaddaa konkolaattota 8tiin gara mootummaa naannoo Gambeelaatti geessee jiraachuu fi warreen mooraa adda addaa keessa jiranis ajaja fudhatanii qophii irra jiraachuu odeessa keessoo waraana bilxiginnaa irraa baruun danda’ameera.

Erga Abiy Ahimed aangootti dhufee birmadummaan isaan heera mootummaan eegna jedhan Kaabaan Eertiraan,  Dhiyaan Sudaaan fi Kibba Dhihaan Sudaan Kibbaan yeroo yerootti sarbamuun lafti impaayerattii irraa dhuunfatamee jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version