ONM-ABO Gurraandhala 8, 2025
Murni Bilxiginnaa guutummaa impaayerattii keessatti hawaasni nagaan akka waliin hin jiraanne gochuu fi warra nagaa qaban ammoo waraana isaa itti bobbaasuun dararee dhala namaa hundatti jireenya hadheessaa jira.
Piroojektii saboota walitti buusuun gadaa aangoo isaa dheereffachuuf hojjetu bakka itti galmaan ga’atu keessaa tokko kan taate Mootummaa Naannoo Gambeelaa keessatti gosoota naannicha keessatti gurguddaa ta’an lamaan Anyuwaak fi Nuweer’nwalitti buusuun dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasaa fi qabeenyaas mancaasaa jira.
Torbee kana keessa lola tuttuqaa lafa keessan eeggadhaa jedhuun murni Bilxiginnaa gosoota Anyuwaak fi Nuweer gidduutti uumeen aanaa Itaang gand Pool keessatti lubbuun gosoota lameenii darbuu fi qabeenyi barbadaa’uun barameera.
Lolli kun torbee kana keessa itti fufuun guyyaa kaleessaas miidhaan qaqqabuu fi loltootni Bilxiginnaas keessa miidhamuun barameera.
Lola lafti aanaa Itaang ganda Pool kan Anyuwaakii fi lakkii kan Nuweeriiti jedhu kun bara 2023 keessas ka’uun lubbuu namoota hedduu galaafachuun gariin kan qaamaa mada’an yoo ta’u, namootni gidduu kana mada’anis hospitaala Gambeelaa keessatti yaalamaa jiru.
Naannoodhuma Gambeelaa magaalaa Matahaar keessattis halkan dheengaddaa dhukaasni sa’a walakkaaf ture magaalattii keessatti geggeeffamaa turuun barameera.
Naannoo Gambeelaa bakka Joor jedhamu keessatti ammoo hidhattoota Murulleetu seene jechuun waraanni Bilxiginnaa hedduun gara sanatti bobba’aa jiraachuu odeessi achii arganne ni addeessa.

